Dargaggeessi beekkumsaa fi dandeetti qabutti fayyadamee jiruu fi jireenya isaa foyyeeffachuuf carraquu qaba.

Waxabajjii 14, 2015 BMJHBO Dargaggeessi Godina Harargee Lixaa Aanaa Habroo Ji’oomeembireeniin barana raabsamee fayyadamun Haroo maatii qopheeffachuun Kuduraa oomishaa jiru muuxannoo dargaggoota kaanif ta’u hojjachaa jira. Dargaggoon Kaliif Ahimad jedhamu teekinoolojii jallisii bishaan qusachuuf oolu drip irrigation jedhamutti gargaaramuun kuduraa oomishaa. Hojii fakkeenyummaa qabu kanaan hawaasni naannoo muuxannoo irraa fudhachaa jiru. Dargaggoo Kaliif ergaa dabarseen […]

Godinni Shawaa Bahaa Piroojektii jallisii 12 bara kana xumuruu beeksise

Piroojektoota Jallisii buleeyyii fi haaraa bara 2015 ijaarsa irra turan digdama keessa hordoffii cimaa fi deeggarsa guddaa taasisuun piroojejtoota 12 xumuruun Eebbaa fi tajaajilaaf banaa gochuu Waajjirri misoomaa jallisii fi horsiise bulaa Godina shawaa bahaa beeksiise. Godinni keenyaa, humna, beekumsaa fi dandeettii jiru qindeessuun bu’uuralee bishaan jallisii itti-fufiinsa qabu dhiyeessuu fi jiruuf jireenya uummata Godinichaa […]

Biirichi gamaggama raawwii kurmaana 4ffaa manajimantii isaa waliin gaggeesse.

Waxabajjii 12, 2015 BMJHBO Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa hojii bara 2015 hojjachuuf karoorfate raawwaachaa ture maal akka fakkatu manajimantii isaa waliin gamaggameera. Gamaggama Kanaan keessaattuu hojiileen fayyadamummaa hawaasichaa mirkaneessuuf hojjatamaa turan haala kamiin adeemaa akka turanii fi bu’aa qabeessuummaa isaanii ilaallameera. Bu’uuruma Kanaan Piroojaktoota Jallisii 147 xumuruuf karoorfamee keessaa 135 xumuramaniiru. Bishaan […]

Piroojaktiin Jallisii lafa heektara 429 misoomsuun abbaa warraa kuma 10 ol fayyadamaa taasisu Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti hojjatamaa sadarkaan irra jiru daawwatame.

BMJHBO Waxabajjii 10, 2015 Ijaarsi piroojaktii kanaa bara 2014 qarshii miliyoona 121 oliin kan eegalame yoo yeroo xumuramees lafa heektara 429 misoomsee abbaa warraa kuma 10 fayyadamoo akka taasisuu danda’utti hojjatamaa jira. Piroojaktichi jallisii kun tajaajila bishaan dhugaatii beeyladootaa fi horsiisa Qurxummiifis ooluu kan danda’uudha. Sadarkaa piroojaktiin kun irra jiruu daawwatameera. Daawwannaa kanaanis Ogeessi Biiroo […]

Piroojaktiin jallisii Finna Burquqqee Godina Booranaa Aanaa Mooyalleetti hojjatamaa ture xumuramee walharkaa fudhiinsi raawwatame.

Waxabajjii 10, 2015 BMJHBO Ijaarsi Piroojaktii kanaa sadaasa 6 bara 2014 kan eegale yoo ta’u yeroo ammaa xumuramee guyyaa har’aa bakka Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa, Koorporeeshiinii Injineeringii Oromiyaa, caasaa Godinaa, Aanaa fi Gandaa argamanitti walharkaa fudhiinsi taasifameera. Piroojaktichiis baasii qarshii miliyoona 123 oliin kan hojjatame yoo ta’u bishaan meetir kuubii miliyoona 1.5 […]

Strategies and best practices to combat desertification in the lowlands were presented.

OIPDB JUNE 15,2023 The International Day for Combating Desertification and the 3rd Taklimakan Desert Forum and the “Great Green Wall of Africa” workshop held in Korla, China’s Xinjiang province marked the sixth day, and the Ethiopian delegation discussed strategies and best practices for combating desertification in the lowlands by Andreas Geeta (Dr. /r) Minister of […]

Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuullootti qonnaan bultoota bishaan roobaa cimmisuuf haroo maatii qotataniif ji’oomeembireeniin raabsamaa jiraa.

BMJHBO 08/10/2015 Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasni bishaan cimmisatee jiruu fi jireenya isaa akka foyyeeffatuuf hojiilee garaagaraa hojjachaa jira. Kana keessaa haroof maatiif kan oolu ji’oomeembireenii maallaqa guddaan bituun Horsiisee/ Qonnaan bulaaf rabsamaa jira. Aanaa Xuullootti haroo maatii 31’f kan oolu ji’oomeembireenii qarshii miliyoona 1.2 oliin bitame qonnaan bultootaaf raabsame. Bara kana hanga ammaatti haaroon maatii […]

Godina Booranaa Aanaa Yaaballoo Ganda Didaa Yaaballoo hojin suphaa iskimii Labuu qarshii miliyoona 14.3 suphamaa jiru yammu xumuramuu ama lafa heektaara 75 jiru gara heektaata 150 misoomsu danda’a.

Waxabajii 6,2015 BMJHBO Suphaan iskimii Jallisii lafa heektara 150 misoomsuu danda’u qarshii miliyoona 14.3 oliin Godina Booranaa Aanaa Yaaballoo Ganda Didaa Yaaballoo suphamaa jiru sadarkaa xumurarra gahe Suphaan Iskimii kun yeroo xumuramu lafa heektara 150 misoomsuu kan danda’u fi haalli suphaanisaa sadrkaa irra jiruu Itti aanaa Hogganaa Biiroo fi Itti gaafatamaa Damee Bulchiinsa Iskiimoota Jallisii […]

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Piroojaktiin jallisii lafa heektara 100 misoomsuu danda’u Dhibbantaa 99 ga’uun Xumuramaa Jiraachuu Waajjirri Misooma Jallisii Godinichaa Beeksise.

BMJHBO 02/10/2015 Piroojaktiin Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Gaattiraa laga sankooraatti keessatti hojjatamaa kan ture jiru yoo ta’u yeroo ammaa hojiin harka 99 irra jira. Akka Itti gaafatamaan Waajjira Misooma Jallisii Godina Wallaggaa Bahaa Obbo Mangistuu Alamaayyoo ibsanitti Proojaktiin jallisii Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Gaattiraa laga sankooraatti Hojatamaa jiru Birrii mil.13.5 hojjatamee kun lafa heektara 100 […]