Moyyaalee irraa Haala qophii eebba Piroojaktii Finnaa
Waxabajjii 24,2015 BMJHBO Taltallee Aanaan Taltallee Aanaalee Horsiisee Bulaa Godina Booranaa keessaa tokko yoo taatu Aanaan horsiisee bulaa kun Hospitaala dhabuun hawaasni Aanichaa baay’ee rakkachaa turan. Yeroo ammaa rakkoo baroota dheeraaf ture kanaaf furmaata kaa’uuf Mootummaa Hospitaala jalqabaa Taltallee ijaarsisee ture guyyaa har’aa Jila Itti aanaa Pireezidantii Mootummaa Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamuun eebbifameera. Sirna […]
Pirojaktiin Jallisii Ammayyaa meexii 2ffàa kun Qarshii miliyoona 9 oliin lafa hek 101 misoomsuu akka danda’uu fi kana irraa Abba warraa 428 fayyadamaa taasisuuf hojjatamaa ture xumuramee jila bulchaa Godinichaatiin durfamuun eebbifameera.
Waxabajji 23/2015 BMJHO Piroojaktiin finna Qarsaa yaa’ii Godina Booranaa Aanaa Miyootti hojatamaa turee xumuramee kun Jilla Itti Gaafatamaa Ijaarsa paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Namarraa Buliin durfamu akkasumas bakka Hogganaa Biroo Misooma Jallisii fi Horsisee Bulaa Oromiyaa Inj.Girmmaa Raggaasaa argamanitti sirna midhaga ta’en ebbifameera. Oldheerinni hidha kanaa meetira 21 yoo ta’u bishaan meetiir kuubi miliyoona […]
Waxabajji 23/2015 BMJHO Piroojaktiin finna Bokossaa Godina Booranaa Aanaa Dubuluq hojatamaa turee xumuramee kun bakka I/G Ijaarsa paarti badhaadhina Damee Oromiyaa obbo Namarraa Buulii fi Hogganaa Biroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj.Girmaa Raggaasaa akkasumas keessumoonni naannoo fi godina Booranaa argamanitti sirna ho’aa fi gammachisaa ta’en ebbifameera. Oldheerinni hidha kanaa meetira 10 yoo ta’u […]
BMJHBO 22/10/2015 Piroojaktiin Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan Projaktii Jallisii Coqorsaa hojjatamaa ture xumuramee walharkaa fudhiinsi koree teknika Jallisii walin taasifame. Proojaktiin Jallisii Coqorsaa hojjatamee kun lafa heektara 200 misoomsuu kan danda’u yoo ta’u abbootiin warraa 200 irraa fayyadamoo taasisa jechun I/G Waajjira Jallisii Godina Qellem Wallaggaa Obbo Addisuu Canqaa Ibsaniru.
Piroojaktootni kunneen jiila bulchaa Godinichaatiin durfamuun eebbifameera. Piroojektiin Kun lafa heek 112 kan misoomsuu fi Abbaa warraa nama 352 f tajajilaa kan kennuudha.
BMJHBO 18/10/2015 Piroojaktiin Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Gaattiraa laga Shankooraatti keessatti hojjatamaa ture xumuramee walharkaa fudhiinsi waldaa Ittifayyadama Bishaan Jallisii walin taasifame. Proojaktiin jallisii sagantaa AGP ttin Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Gaattiraa laga shankooraatti Hojatamaa jiru Birrii mil.13.5 hojjatamee kun lafa heektara 100 misoomsuu kan danda’u yoo ta’u abbootiin warraa 120 irraa fayyadamoo taasisa
