Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuullootti hojiin bishaan roobaa kuusuu akkuma itti fufeeti jira.

BMJHBO 29/11/2015 Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuulloo Araddoota Aanaa hundaa keessaatti hojiin inisheetiviii bishaan cimmisuu haroolee adda addaatti bishaan roobaa kuusuu ballinaan kuufamaa jira. Haroo maatii 396, Haroo ammayyaa 15 fi Haroo hawaasaa 6 fi hidhaa bishaanii gara garaa jiruutti bishaan roobaa meetirkuubiin 65,256 kuufamuu isaa Itti gaafatamtuun Waajjira misooma jallisii fi Horsiisee Bulaa Godina […]

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti Iddoo Piroojaktii Finnaatti Biqiltuun dhaabame

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti daawwannaa Piroojektii Finnaa sababeeffachuun sirni dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa gaggeeffamee. Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti Jilli itti gaafatamaa waajjira misoomaa jallisiifi Horsiisee bulaa Godina Arsii Lixaa Injiinar Huseen Muhammadiin durfamu daawwannaa Piroojektii finnaa sababeeffachuun sirna dhaabbii biqiltuu ashaara magariisa Hojjata Waajjira misoomaa jallisii Godina Arsii Lixaatiin dhaabaniiru. Sirni […]

Karoora hojii bara 2016 galmaan gahuuf hunduu of qopheessuu akka qabu dhaamame

BMJHBO 27/11/2015 Mootummaan bara 2016 keessaatti kallattii addaan karoorfamee hojjatamuu akka qabu kallatuma kaa’een Biiroon Misooma jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Karoora isaa baafatee caasaa fi hojjattoota isaa waliin irratti mari’ateera. Bu’uuruma kanaan karoora dhuunfaa hanga mana hojitti qophaa’ee galmaan gahuuf miira waliin hojjachuutiin qophaa’uun barbaachisaa akka ta’e marii manajimantii mana hojichaatiin kallattiin kaa’eera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa keenyaa foyyessuuf Imaammatafi tarsiimoo ifa ta’e qabatee socho’aa jira : Kabajamoo Pirezdaantii BMNO Obbo Shimalis Abdiisaa

Shimelis Abdisa   Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa keenyaa foyyessuuf Imaammatafi tarsiimoo ifa ta’e qabatee socho’aa jira. Keessumaa gogiinsafi hongee deddeebi’ee muudatu yeroodhaaf furuu cinaatti, hojiilee furmaata yeroo hundaa ta’an irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Horsiisa beeyladaa naannawichaa fooyyessuu cinaatti, lafa bal’dhaa toora horsiisee bulaa jiru gara oomishtummaatti galchuu keessatti hojii hojjetameen gama misooma […]