Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti Iddoo Piroojaktii Finnaatti Biqiltuun dhaabame

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti daawwannaa Piroojektii Finnaa sababeeffachuun sirni dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa gaggeeffamee. Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti Jilli itti gaafatamaa waajjira misoomaa jallisiifi Horsiisee bulaa Godina Arsii Lixaa Injiinar Huseen Muhammadiin durfamu daawwannaa Piroojektii finnaa sababeeffachuun sirna dhaabbii biqiltuu ashaara magariisa Hojjata Waajjira misoomaa jallisii Godina Arsii Lixaatiin dhaabaniiru. Sirni […]

Karoora hojii bara 2016 galmaan gahuuf hunduu of qopheessuu akka qabu dhaamame

BMJHBO 27/11/2015 Mootummaan bara 2016 keessaatti kallattii addaan karoorfamee hojjatamuu akka qabu kallatuma kaa’een Biiroon Misooma jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Karoora isaa baafatee caasaa fi hojjattoota isaa waliin irratti mari’ateera. Bu’uuruma kanaan karoora dhuunfaa hanga mana hojitti qophaa’ee galmaan gahuuf miira waliin hojjachuutiin qophaa’uun barbaachisaa akka ta’e marii manajimantii mana hojichaatiin kallattiin kaa’eera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa keenyaa foyyessuuf Imaammatafi tarsiimoo ifa ta’e qabatee socho’aa jira : Kabajamoo Pirezdaantii BMNO Obbo Shimalis Abdiisaa

Shimelis Abdisa   Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa keenyaa foyyessuuf Imaammatafi tarsiimoo ifa ta’e qabatee socho’aa jira. Keessumaa gogiinsafi hongee deddeebi’ee muudatu yeroodhaaf furuu cinaatti, hojiilee furmaata yeroo hundaa ta’an irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Horsiisa beeyladaa naannawichaa fooyyessuu cinaatti, lafa bal’dhaa toora horsiisee bulaa jiru gara oomishtummaatti galchuu keessatti hojii hojjetameen gama misooma […]

Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa gamaaggamni raawwii hojiiwwan bara 2015 fi boqonnaan qophii karoora bara 2016 Hojjettoota Biiroo walin magaalaa Aadaamaatti Gaggessaa jira.

Adoolessa 14/2015 BMJHBO Bara 2015 qormaatilee hedduu keessa ta’uun milkaa’inoonni hedduun kan galmaa’an yoo ta’u waltajjii gamaggamaa gaggeeffamaa jiru kanaan ciminoonniifi hanqinoonni turan adda bahu jadhan Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Girmaa Raggaasaa. Akka Inj. Girmaa Raggaasaa hasawa baniisa Marii raawwataa qopheessuu kana irratti ibsanitti ciminoota bara 2015 keesa turan ittifufsiisuun […]