Godina Shawaa Bahaatti marga lafa heektaara 52,000 irratti misoome kuusuun akka danda’amuuf haamuu fi beel gochuun eegalamee.

Caamsaa 28,2015 BMJHBO Rooba dhabuun hongee uummameen Beeyladni nyaata dhabuun baay’een miidhamuun yaadannoo keenya yeroo dhiyooti. Akka ittigaafatamaan Waajjira Misooma Jallisii fi Horsisee Bulaa Godina Shawaa Bahaa Obboo Omarsaan Leencamoo ibsanitti bara kana akka Godina Shawaa bahaatti lafa tutuqqaa irraa bilisa gochuu , roobaa fi jallisii faca’ee heektaara kuma 52 ol misooma tureerraa marga nyaata […]

Naannawaa Gammoojjiitti piroojektoonni damdamannaa Jireenyaa hawaasa hojjetamaa jiran bu’aa gaarii argamsiisaa jiru-BMJHBO

Caamsaa 27, 2015 (FBC)- Naannawaa Gammoojjiitti pirojektoonni dandamannaa Jireenyaa hawaasaa hojjetamaa jiran bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa ibse.Oromiyaa naannawaa gammoojjiitti hojiin misooma jallisii fi daagaa hidhuu hojjetamaa jiraachuun eerameera.Ittaanaan Hogganaa Birichaa Obbo Roobaa Turchee jiruu fi jireenya uummata gammoojjii dandamachiisuuf pirojektoonni hedduun hojiitti galuun bu’aa gaariis argamsiisaa jiraachuu himaniiru.Naannawaa […]

Horsiisee Bultootni Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwaa Ganda Bokko Gooroo Baalli Waldaan Gurmaa’ani Sanyii Margaa Omishaa Jira Daawwatame.

Caamsaa 25,2015 BMJHBO Bulee Horaa Horsiisee Bultootni kunneen kanaan dura hongeen miidhamaa kan turan kunneen yeroo ammaa marga misoomsaa jiru. Marga misoomsaa jiran kana irraa margaa fi sanyii margaa oomishaa jiraachuu himaniiru. Hojiin Ganda Bokko Gooroo Baalliitti hojjatamaa jiru kunis Itti aanaa Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa fi Itti gaafatamaa Damee Horsiisee Bulaa […]

Godina Booranatti marga misoome kuusuun akka danda’amuuf torbeen haamaa margaa labsamee jira.

Caamsaa 24,2015 BMJHBO Roobni dhabuun hongee uummameen Beeyladni nyaata dhabuun baay’een miidhamuun yaadannoo keenya yeroo dhiyooti. Namni Bofa argee quncee dheenfaa akkuma jedhamu badii kaleessaa irraa barachuun rooba gahaa roobeen marga misoomsame hammachuun yeroo rakkoof olkaawwachuun barbaachisaa waan ta’eef yeroo ammaa Godina margi nyaata beeyladaaf oolu hamuuf torbeen hamaa margaa labsamee hamaamaa jira.

Piroojaktootni Finnaa ijaarsi isaanii xumuraman yeroo dhiyootti kan eebbifaman yoo ta’u kanneen ijaarsaa irra jiran ariitiin akka xumuraman hojjatamaa jira

Caamsaa 24,2015 BMJHBO Piroojaktootni Godina Booranaa keessaatti hojjatamaa jiran kanneen ijaarsi isaanii xumuramee eebbaaf qaqqaban Finna Liisoo, Burquqqee, Hiddii Romsoo, Bokosaa, Qo’a Dhamotaa, Qarsa Ya’ii, Orbate fi Funnaan Birreessaa yoo ta’an kannee. Ijaarsa keessa jiraan Finna Hayaa Gurrachaa, Fulaa Dukkanooftuu fi Kukkubaa Katebuu jedhaman ariitiin akkaataa xumuruun danda’amu irratti daawwaannaa Itti aanaa Hogganaa Biiroo fi […]

Raawwiin kurmaana 3ffaa gaarii ta’uus hojiilee harca’anii hafan ji’oota itti aanaanitti duguuguun xumuruuf xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta’a.

BMJHBO 24/08/2015 Adaamaa Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa raawwii karoora kurmaana 3ffaa hojjattoota isaa waliin magaalaa Adaamatti gamaggama gaggeesseera. Gamaggama kanaan hojiileen kurmaana 3ffaa keessaatti raawwataman kan dhiyaate yoo ta’u kanaanis ciminoota fi hanqinoota jiran dhiyaataniiru. kka ciminootaa Bishaan cimmisuu, inisheetivii misooma margaa, rabsaa ji’oomeembireenii akka ciminaatti kan ilaallame yoo ta’u sababoota adda […]

Hojiilee harca’anii hafan karoora guyyoota 60 keessaatti raawwachuuf xiyyeeffannoon hojjatama.

Caamsaa 01,2015 BMJHBO Hojiin karooraan qabamanii hanga kurmaana 3ffatti raawwataman keessatti hojiilee harca’anii hafan dabaluun karoora guyyoota 60 baafachuun saffisaan hojjechuun karoora bara 2015 sadarkaa olaanaan milkeessuuf hojjatamaa jira. Akkatuma gamaggama hojii kurmaana 3ffaa gaggeeffameen ciminootaa fi hanqinoota adda bahan galtee godhachuudhaan hojiilee harca’aanii hafan karoora guyyoota 60 qophaa’uun raawwachuuf hojjatamaa jira. Dhimma kana irratti […]

Godina Harargee Lixaatti Projaktii Finnaa, Haroo Hawaasaa fi Maatitin Bishaan m3 mil. 7.7 ol kuusamuu akka danda’ame Ibsame.

Caamsaa 3,2015BMJHBO Hongeen bara kana sababa hanqina roobaan muudatee ture Godinoota kudhan keessatti uummata rakkoof saaxilee ture. Oromiyaa keessatti godinoota lafa gammoojjummaa qaban keessatti hongeen irra deddeebiin muudachuun namaa fi beelyada irratti miidhaa qaqqabsiisa. Hongeen bara kana muudate garuu roobni waqtii roobaa shaniif walitti fufinsaan osoo hin roobiin turuu isaa irraa kan ka’e akkasumas biyya […]